Postpill qorichaa ulfaa hatatama hin barbadamne

0

Postpill qorsa Biyya kessati badhinan itti fayyadamu yeroo tahuu carran ulfa’uu hidhisu darbe darbe jijjiramu ni dandaya sababin isaas yeroo itti fudhatamuuf hali itti fudhatamess murtessa dha.

dubartoni erga itti fayyadamnin boodas kan ulfayani jirachu ni malaan , yoo danda’ame dursani offi eggachuu erga rawwaten booda immo hatataman qoricha fudhachuun carra ulfayuu ni hirisa
Waluma galati Postpillin persenti dhibban dhibati ulfa hin ittisa jechuun hin dandayamuu , Garuu
Qorsi Ulfaa hin barbadamne kan hatatama or (post pill ) Gosaa Afurtu jiraa isanis

1.Qorsa Ulfaa hin barbadamne kan hatatama isaa duraa (1ffaa)- Gosti qorsa kana of kessati hormoni projestin ykn levonorgestrel. Akkakun qorsota kana carra olfayuu persenti (88%) qofaa hirdhisa. Inni birra ammo side effect or midhan inni gessus guddise cima miti
2.Qorsa Ulfaa hin barbadamne kan hatatama isaa (2ffaa) – Gosti Qorsa kana immo (ulipristal acetate) . Qorsi kuni kan ajjajame kenamu yoo ta’uu bayee cimma fi erga qunamtin salla rawwatame guyya shanin boodas fudhatamu ni dandayaa. Bu’an isaas kan isaa duraa irra bayee callaa dha. Qorsoni kuni biyya guddate akka Americafi , Europe kessati argama.
3. Qorsa Ulfaa hin barbadamne kan hatatama isaa (3ffaa) – Inni kuni hormoni lamemu Projestin fi ostrojine of kessati qabata. Qorichooni yeroo bayee , ummani kenna itti fayyadamu akkakuu kana kessati rammadama. Kuni carra ulfayuu persanti 75% hir’isaa. Midhas gessu hin dandayaa , akka haqisisu fi leqleq nama godhuu mudhachuu dandaya.

4.Qorsa Ulfaa hin barbadamne kan hatatama isaa (4ffaa) – in kuni ammo mifepristone of kessati qabata qorsi kuni bayee carra ulfayuu hidhisule midhaa bayee gessu dandayaa qorsi kuni china , vietnam armenia fi Russia qofaa kessati argama.
Yeroo bayee namoni qorsota kanin qorsa ganama liqimsamu jedhani yaduu garuu qorichi jiranan hagaa ganama egguni hin barbachisu . Dafani liqimsuni bayee garii , akkasuma turuni carraani ulfayuusi ni dabala.

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.